Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Paarkii ICT Keeniyaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Keeniyaatti Paarkii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo (ICT) daawwatan.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon daawwannaa hojiif Keeniyaa jiru.

Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaanii Naayiroobii wayita Buufata Xiyyaaraa Joomoo Keeniyaattaa ga’anitti Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon simatamaniiru.

Dooktar Abiy, turtii isaaniin hirmaannaa Artifiishaal Intalajansii dargaggootaa kan argisiisuu Paarkii ICT daawwachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.