Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Iyyasuus Kiristoos rakkinaa fi du’a, miidhaa fi malaamaltummaa, Si’oolii fi awwalla injifachuun ka’uun waggaa waggaan yaadatama jedhan.

Ayyaana kana dura torbee dhukkubbii dabarsineerra.

Torbeen dhukkubbii, qormaata, rakkina, gantummaa, dabarsanii walkennuu, gidiraa fi hammeenya kan itti yaadanuudha.

Torbee Sobni moo’aa, Dhugaan injifatamuu fakkaatu, hedduun wareegama sodaachuun dheeffan, tokko tokko ammoo lolaa darbuun fudhataman, kanneen biroo dambaliin yartuun foo’amanii muraasni ammoo dhukkubbii hunda darbuun guyyaa du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos argan jedhan.

Kanneen fagoo fi dhiyoo jiran iyyaa, ololaa fi oduu sobaa magaalaa hunda injifatan,Warri guyyaa Hoosaa’inaa deeggersaaf bahan guyyaa sadii booda mormuuf yeroo bahan homaa itti hin fakkaanne.

Deeggarsii fi mormiin ture hundi faayidaaf malee dhugaaf hin turre, hundi dhugaan kan waldhaban turan.

Diinonni keessaa fi alaa yeroo biro du’aaf barbaadaman dhugaa fannisuuf hiriiraniiru.

Dhugaan namoonni hin hubanne tokkotu ture.

Dhukkubbiirra du’aa ka’uutu caalas dheeratas, guyyaan dhukkubbii shan yoo ta’uu, du’aa ka’uun garuu dacha 10n caala,qormaanni guyyaa shan gatii guyyoota 50 qaba.

Dhugaatti iyyi, shororki, rakkoo fi dhamaatiin torbee dhukkubbii nama ilaaleef fayyinni kan dhufu itti hin fakkaatu.

Fayyinni garuu kan mirkanaa’edha.

Caalmaatti mirkaneessuu kan danda’am kan akka Yohaannis cichoominaan dhaabbatan qofa.

Itiyoophiyaan qormaata keessa darbaa jirti.

Garuu biyya qormaata keessa dhaabbattee miti, kan qormaata keessa darbaa jirtuudha malee.

Waktiin kun Itiyoophiyaaf tibba dhukkubbii ta’uu mala.

Wantoonni Afur garuu Dhugaadha.

Kan jalqabaa Dhukkubbiin Itiyoophiyaa gabaabaa ta’uu, lammeesso gabaabaa ta’us cimaa ta’uu isaa, 3ffaan Itiyoophiyaan dhukkubbii darbuuf biyya humna qabdu ta’uu, 4ffaan dhukkubbii yeroo gabaabaa boodha qananiin yeroo dheeraa kan dhufu ta’uu hubatamuu qaba jedhan.

Cabiinsa baroota yaaluuf waayita kaanu, daandiin salphaa ta’uu hin dandeenye.

Qaamoleen Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa jechuun maqaa ishee faarsan hedduu turan, kan ishee waliin dhukkubsatan garuu muraasa qofa.

Yeroon dhukkubbii gabaabaa ta’us daraan cimaa ta’uu ni beekna.

Itiyoophiyaan dandeettii dhukkubbii darbuu qabdi.

Kana duras qormaatilee hedduu dabarteerti.

Hoggansa yaaduuf, jaalatuu fi du’uuf qabdi.

Ummata kaayyoon gatii kaffaluuf qabdi. Qabeenya kuufamaa hedduu qabdi.

Deeggarsa Hoosaa’iinaas ta’ee mormiin Jimaataa imala keenyarraa nu hin gufachiisu.

Dhugaa jiru qofa hordofnee imala keenya itti fufna.
Kanaanis dhukkubbii gabaabsinee yeroo qananii dheeressina jedhuun ibsaniiru.

Baga Ayyaana Sooma Hiikaa nagaan geessan!!!
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.