Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy hojiilee misooma Koriidarii Magaalaa Finfinnee ilaalchisee hoggantoota magaalichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee Misooma Koriidarii magaalaa Finfinnee ilaalchisee hoggantoota Magaalaa Finfinnee waliin mari’ataniiru.
Baatii tokkoon dura adeemsa misoomichaarratti gamaaggama waliigalaa taasiisuu kan eeran Dooktar Abiy, guyyaa har’as hoggantoota magaalichaa waliin hojiilee hojjetamaa jiru ilaalchisee bal’inaan mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Hojii kun dhimma ijaarsaa qofa osoo hin taane, mijattummaa magaalichaa caalmatti kan guddisu, tattaaffii naannawaa jireenyaa waaraan jijjiiruu fi miidhagsuu ta’uu eeraniiru.
Sona miidhagina guddisuu, magariisummaa babal’isuu, bu’uuraalee misoomaa fooyyeessuun fayyaa ummataa eegurra darbee carraa hojii kan uume ta’uu himaniiru.
Hojileen tattaaffii waloo kun haala waliigalaa Magaalaa Finfinnee fooyyeessuun fedhii jiraattota hundaaf haala mijataa kan uumu ta’uu dubbataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.