Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ayyaana Iid Alfaxiir 1445’ffaa sababeeffachuun erga baga ittin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid Alfaxiir 1445’ffaa sababeeffachuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaaniis akka ittaanutti dhiyaateera.

Baatiin Ramadaanaa baatii hawaasni Musliimaa hundi yaaduufi hawwiidhaan eegudha. Baatiin kun kan balbaloonni Ahizaabaa itti cufaman; kan balballoonni Jannataa bal’atanii itti banamanidha.

Baatiin Ramadaanaa kan itti Musiliimni soomaafi ibaadaadhaan uumaasaa waliin walittidhiyaatu, kana zikiriin itti baay’atu, kan gaarummaan cimee itti mul’atu, baatii araaraafi eebbaatii.

Akka lakkofsa baraa Hijiraa baatii kudha lama of keessaa qabuufi marfata baatii/ji’aa irratti hundaa’uudhaan diriirfameetti, baatiin Ramadaanaa baatii Shabaanitti aanee dhufa.

Hamma baatiin qajeelummaa Ramadaanni dhufutti mu’immiin baatiiwwan qorumsaa kudha tokko darba. Hamma Ramadaanni dhufutti hedduu obsuu, hojii gaariidhaaf cimanii dhama’uutu eegama.

Bitootessi akka Ramadaanaati.

Hamma ifni abdii baatii Bitootessaatti mul’ate dhufutti qorumsa hedduu, bu’aa bayii hedduu, obsa hedduu gaafatee ture.

Akkuma baatiiwwan kudha tokko booda Ramadaanni dhufuun waan hin oolle ta’e, jijjiiramichis waan hin oolle ture.

Yaada yeroonsaa gahe humni lafarra dhaabuu danda’u hin jiru.

Dukkanni hagam dheeratuyyuu ifa guyyaa hanbisuu hin danda’u. injifatamee ifaaf bakka ni gadhiisa.

Naannoowwan bantiiwwan Kaabaafi Kibbaa baatii jaha guutuu dukkanni isaan mudatullee dhugaa kanaaf raga ni bahu.

Baatiin Ramadaanaa qormaata bifa lamaa qaba.

Utuu hin dhufiin dura qormaata baatiiwwan kudha tokkoo dheeratutu isa mudata.

Erga dhufee boodammoo sooma eebbaafi garalaafinaa akka hin taane sheexanni qormaata kanbiraa itti fida.

Amanataa dhugaan lachanuu dandamatee jabaatee keessa darba. Jijjiiramni Bitootessaas akkasuma.

Utuu hin dhufiin dura baroota hedduudhaaf eegamaafi yaadamaa tureera.

Aarsaa dhaloota hedduus gaafateera.

Erga dhufee boodammoo humnoota biyyi akka hin jijjiiramneefi hi badhaanee barbaadaniin qormaatni hedduun isa mudateera.

Wanti dinqisiisaa hin taane, qormaatileen lachanuu kan nama qoran garummoo kan injifataman ta’uusaaniiti.

Baatiin Ramadaanaa bara kana dabrsine naga-qabeessa, hiyyessotaafi harka-qal’eeyyii baay’ee kan itti gargaarre, kan walii keenya itti waldeeggarre, kan Itoophiyaanonni amantaa garaagaraa qaban tokkummaasnii sabdaneessa ciminaan itti argisiisan ture. Isaan kun daandii keenyaaf mallattoo ibsaati.

Qormaatawwan numudatan tokkummaadhaan taanee cehuu akka dandeenyu nuhubachiisu.

Jechamni ‘namni gamni Ramadaana hamma Ramadaanatti turfata’ jedhu jira.

Eebba, humna hafuuraafi humna diina injifachuu sooma Ramadaanaatiin argate hamma Ramadaana isa dhufuutti itti fayyadama.

Duubatti hin deebi’uu jechuudha.

Nutis duudhaawwaa jijjiirama Bitootessaatiin arganne hamma boqonnaa itti aanu kan badhaadhina keenya iiti mirkaneessinu geenyutti qabannee adeemuu qabna.

Nagaan, dhiifaamaafi jaalalli duudhaawwan keenyadha.

Jaalalaan ida’amuufi dhiifamaan cehuun qajeeltoo keenya isa ijoodha.

Cabawwan seenaa suphuufi tokkummaa keenya sabdaneessa cimsuun mul’ata keenyadha.

Ida’amuun daandii keenya, badhaadhinni galama keenyadha.

Duudhaawwan kunneen qormaatawwan bara jijjiiramaa keessa numudatan kan ittiin bira darbinuufi galma itti aanu kan ittiin geenyudha.

Galmi sunis badhaadhina Itoophiyaa waahundaati.

Irradeebiidhaan Ayyaana Iid Alfaxir gaarii!

Itoophiyaan tattaaffii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee barabaraan haa jiraattu!

Uumaan Itoophiyaafi uummattootashee haa eebbisu!

Ebla 1, 2016

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.