Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy lubbuun darbuu Pireezidaantii Iraan hordofee ibsa gadda dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad lubbuun darbuu Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis hordofee ibsa gadda dabarsaniiru.

Balaa gaddisiisaa Pireezidaantii Ibraahiim Raayisii fi Ministira Dhimma Alaa Hoseen Amiir Abdullaahiirra qaqqabeef gaddi onnee cabse itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy, maatii miidhamtootaa fi Ummata Iraan maraaf jajjabina hawwaniiru.

Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis dabalatee aanga’oonni 4 guyyaa kaleessa balaa Heliikooptaraa mudateen lubbuun isaanii darbuun kan yaadatamuudha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.