Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiyyii fi Giiftii dureen Zinnaash Taayyaachoon maanguddootaa fi qaama miidhamtoota waliin maaddii qooddatan

Finfinnee, Eebila 24, 2013 (FBC) – Muummmeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii dureen Zinnaash Taayyaachoon ayyaana Faasikaa sabbeeffachuun maanguddootaa fi qaama miidhamtoota waliin maaddii qooddataniiru.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii dureen Zinnaash Taayyaachoon maanguddootaa fi qaama miidhamtoota rakkoo adda addaaf saaxilaman waliin maaddii qooddachuu isaanii Fuula Feesbuukii isaaniin barreessaniiru.

Dooktar Abiy Ayyaana Faasikaa maanguddoota, gootata durii fi qaama miidhamtoota 210 waliin paarkii tokkummaatti kabajaniiru.

Dooktar Abiy Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraaf Ayyaana gaarii hawwaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.