Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girma Amanteen Ambaasaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amanteen Ityoophiyaatti Ambaasaddara Chaayinaa Zaahoo Ziyuuwaan waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, haala qonna Ityoophiyaa ammayyeessuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Chaayinaan sochii Ityoophiyaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf taasistu irratti deeggarsa ijaarsaa dandeettii ogeessotaa, meeshaalee qonnaa ammaayyaa fi teekinooloojii kan taasistu ta’uu ibsameera.

Dabalatanis, abbootiin qabeenyaa Chaayinaa haala mijataa invastimantii qonnaa Ityoophiyaatti fayyadamuun haala hirmaachuu danda’an irratti kan hojjetamuu ta’uu ibsamuu ragaan Ministeera Qonnaarra argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.