Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amanteen baankichatti Daayrektara Biyyoota Bahaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Baankii Misooma Afrikaatti Daayirektaraa Biyyoota Bahaa Afrikaa Joonataan Nizaayikoreera waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Dooktar Girmaa Amaanteen hirkatummaa roobaattin damee qonnaan hanga barbaadamu oomishuun akka hindanda’amne dubbatan.

Misoomaa Qamadii fi Ruuzii Itiyoophiyaan eegalteef deeggarsi Baankii Misooma Afrikaa barbachisaa ta’uu ibsan.

Hojiilee bu’uuraalee misoomaa guddina qonnaa saffisiisu guutuuf, hanqina bishaan Naannoo Horsisee Bultootaa jiru furuuf, sagantaa “Maddii Guutuu” milkeessuuf, misooma jallisii ammayyaa’aa babal’isuu fi ijaarsa dandeettiif baankichi deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Joonataan Nizaayikoreera gamasaaniin, Itiyoophiyaa keessaa pirojektoota 22 qabaachuu himuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Baankichi dameelee garaagaraan deeggarsa taasisuuf fedhii qabaachuu himuun, Ministeera Qonnaa waliinis hojjechuuf murannoo qabachuu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.