Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara olaanaa Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara olaanaa Baankii Addunyaa Dooktar Filooriibarti Nigaaruukoo waliin mari’ataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa damee qonnaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Hojii damicha ammayyeessuuf hojjetamaa jiru milkeessuuf tumsa Baankiin Addunyaa taasiisaa jiru galateeffataniiru.

Filannoo bishaanii jiru fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamu Baankiin Addunyaa akka tumsu gaafachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Baankiin Addunyaa misooma damee Qonnaa Itiyoophiyaaf tumsa barbaachisu kan taasiisuu ta’uu Dooktar Filooriibarti Nigaaruukoon ibsaniiru.

#Oromia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.