Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Guddoon Abbay 2 jedhamtu yeroo jalqabaaf meeshaalee Itiyoophiyaa fe’uun Jibuutii geesse

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC) – Dooniin Guddoon Abbay 2 jedhamtu yeroo jalqabaaf meeshaalee Itiyoophiyaa fe’uun Jibuutii ga’uu Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii beeksiise.

Dooniin Abbay 2 jedhamtu kun Alaabaa Itiyoophiyaan galmaa’uun Waxabajjii 2015 eegaltee yeroo jalqabaaf Xaa’oo Biyyoo Itiyoophiyaa fe’uun Jibuutii geesseerti jedhame.

Dooniin kun Xaa’oo NPS fi NPSB Meetirik Toonii kuma 60 Buufata Doonii Moorokoo Joorfi Laasfar jedhamuu gara Buufata Jibuutii fiduu eerameera.

Yeroo ammaas tajaajila Kontiraataa yeroon buufataalee Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa keessa jiran gidduutti tajaajila fe’umsaa kennuun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu eerameera.

Waayita Kontiraata ishee xumurtes hojii tajaajila Fe’umsaa Itiyoophiyaa kan hojjetu ta’uu eerameera.

Torbeewwan lamaan itti aanan keessa Dooniwwan Guguddoon Xaa’oo Meetirik Toonii Kuma 73,kuma 83 fi 400 fi kuma 51 fe’an Jibuutii kan ga’an ta’uu ragaan Tajaajilichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.