Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin fiigicha qaxxaamura biyyaa 6ffaan Dilbata dhufu ni eegala

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC) – Dorgommiin fiigicha qaxxaamura biyyaa 6ffaan Dilbata dhufu Tuniiziyaa magaalaa Hamaamaatiitti kan eegalu ta’uu ibsameera.

Dorgommiin waggoottan arfan darbaniif adda cite ture kun Guraandhala 17, 2024 eegalee Tuniiziyaa magaalaa Hamaamaatiitti ni gaggeeffama jedhameera.

Atileetoonni dubartootaa 14 fi Dhiirootaa 14 Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomicharratti kan hirmaatan ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa kun har’a waaree dura Tuniiziyaa magaalaa Tuuniiz ga’uus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.