Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Tapha Guutuu Oromiyaa 26ffaan xumurame

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)-Dorgommiin Tapha Guutuu Oromiyaa 26ffaan Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture Olaantummaa Magaalaa Shaggariin xumurameera.

Dorgomicharratti, Hogganaan Biiroo dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobboqaa haasawaa taasisaniin, Taphni Guutuu Oromiyaa bakka argama ispoortessitoota ciccimoo fi waltajjii madaallii misooma ispoortii naannichaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu dubbatan.

Gosoota ispoortii gurmiin sadarkaa liigii irra hingeenyeef ammoo waltajjii yeroo ce’umsaa ta’uun tajaajiluudha jedhan.

Taphicharratti gosoota ispoortii 21’n ispoortessitoonni kuma shanii ol hirmaachuu eeran.

Muuxannoowwan dorgommicharraa argaman daran jabeessuun isoortiin naannoo fi biyya keenyaa faayidaa barbaadamuuf akka oolu taasisuuf maatiin ispoortii, hooggansi sadarkaan jiru akkasumas qaamoleen hawaasaa hundi qindoomina ol’aanaan hojjachuun murteessaa ta’uu himuu ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dorgommiin Tapha Guutuu Oromiyaa 26ffaan Magaalaa Jimmaatti guyyoota 15’f gaggeeffamaa ture kanarratti, Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Shaampiyoonaa dorgomichaa ta’uun xumurameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.