Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin taphoota guutuu Afrikaa 13ffaan har’a ni eegala

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC) – Sirni baniiinsa dorgommii taphoota Guutuu Afrikaa 13ffaan har’a Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Ispoortii Gaanaa Magaalaa Akraatti argamutti ni eegala jedhame.

Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Pireezidaantii Gaanaa Naanaa Akuufoo Adoo dabalatee hoggamtoonni Komishinii Gamtaa biroon bakka argamanitti har’a haala hoo’aa ta’een kan eegalu ta’uu eerameera.

Dorgommiin kun guyyoota 6’f magaaloota biyyattii sadi Akraa, Kuumaasii fi Keeppi Koosti keessatti dorgomama jedhameera.

Jilli Itiyoophiyaa dorgomicharratti hirmaata Magaalaa Akraa kan seene yoo ta’uu, qophii taasiisaa jiraachuu eerameera.

Dorgommiin Taphoota Guutuu Afrikaa kun waggaa afur Afuriin kan gaggeeffamuudha.

Bara Faranjootaa 2023 gaggeeffamu kan qabu sababoota adda addaan bara kanatti darbuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.