Fana: At a Speed of Life!

Du’aa Ka’uun Kiristoos mallattoo araaraa, dhiifamaafi fayyinaati – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ayyaana Sooma Hiikaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Yaadannoon Du’aa Ka’uu Kiristoos, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti mallattoo araaraa, dhiifamaafi fayyinaa ta’ee kan yaadatamu, ayyaana guddaa hawwiin eegamuufi jaallatamudha jedhan.

Guutuun ergaa isaanoo haala armaan gadiin dhiyaatera.

Barsiisa Amantaa Kiristaanaa keessatti, kaayyoon Kiristoos gara biyya lafaatti dhufeef, dhala namaa cubbuuttii fayyisuun jireenyatti deebisuudha. Turtiisaa keessattis waan karoorfate raawwachuun imala isaa xumuure. Namoota rakkatan deeggaruun, dhukkubsataa fayyisuun, kanneen abdii kutatanitti abdii horuun qajeelummaafi fakkeenyummaa dhala namaaf qabus gochaan agarsiisuun hojiiwwan dinqisiisoo hojjechaa ture.

Ayyaana kana wayita kabajnus, aadaafi duudhaa waliif yaaduu, wal mararsiifachuufi wal jaallachuu qabnu caalmaan yeroo itti dagaagsinudha. Hordoftoonni amantaa Kiristaanaafi ummanni keenya bal’aanis, duudhaalee gaggaarii akkanaa jiranitti fayyadamnee seenessa waloon biyya waloo ijaaruuf bakka jirrutti gahee keenya adda durummaan bahachuu qabna.

Imala guddinaa, jijjiiramaafi badhaadhinaa karoorfannee hojiin hojjechaa jirru akka hin milkoofneef diinonni keenya halkaniif guyyaa shira xaxu. Deemsi keenya garuu shira kanaan hin gufanne. Caalmaan dagaagee, guddateefi bal’atee itti fufee jira. Ummata keenya qabannee qormaatilee kamiyyuu injifannoon cehuun imala milkii taasisaa jirra.

Galmoota badhaadhinaa dameewwan misoomaa hunda irratti qabaman milkeessuufis xiiqiin hojjennee jijjiirama qabatamaa galmeessuu itti fufnee jirra. Waadaa ummata keenyaaf galles kabajnee aantummaafi quuqama olaanaan hojjechaa jirra. Ashaaraan keenya har’aa gumaata dhaloota boruuti. Itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru qixaan hubannee, hojii dhaloota madaalu hojjechuun bu’uura kaa’uun galma keenya ijoodha.

Biyyi keenya, waggoottan jijjiiramaa dabarsite keessatti, dirreewwan misoomaa, diiplomaasii, diinagdeefi siyaasaa hunda irratti injifannoo dachaa gonfattee jirti. Qaamolee kufaatii keenya halkaniif guyyaa abjootaniifi hawwanis qaanessuu dandeessee jirti. Imala guddinaafi badhaadhinaa jalqabdes ariitiin milkeessuuf hojjechuu irratti argamti.

Obbolummaan dagaagee, tokkummaan ititee, walqixxummaan ummattootaas bu’uura ijaarsa biyyaa qabaatee itti fufee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, imaammataafi tarsiimoo hirmaachisaa bocuun tumsa ummataan dabaalee hojjechaa jira. Aadaafi duudhaa boonsaa qabuun humnoota waloon sirnoomsee misooma ummataa, ummataaf, tumsa ummataan qindeessee hojjechaa jira. Jijjiiramni qabatamaan gama diinagdeen, misoomaafi hawaasummaan argamaa jirus, duudhaalee Oromummaa ganamaa irraa kan maddan, deebi’anii tajaajila ummataaf kan oolanidha.

Imala kana keessatti, misoomni ummataa nagaa bu’uura godhata. Mootummaan Naannoo Oromiyaas, nagaan hawwii qofaan hin mirkanaa’u ejjennoo jedhu qaba. Kanaafis, obsa guddaan nagaafi tasgabbii lammiilee isaa mirkaneessuu irratti argama. Humnoota hidhatanii naannicha keessa socho’aniif waamicha nagaa taasiseen, daandii nagaa akka filatan taasisuun danda’amee jira.

Qaamoleen hiree argame kanatti fayyadaman ammoo carra qabeessa ta’anii jiru. Kanneen haftanis, harki nagaaf diriire kun ammallee itti fufee jira. Nagaa filattanii ummata keessan dhiifama gaafachuun qe’eetti akka deebitaniif maqaakoofi maqaa Caffee Oromiyaatiin waamicha isiniif taasisa.

Caffeen Oromiyaas, hojii bakka bu’ummaa ummataa hojjetuun fedhiin ummata keenyaa nagaafi tasgabbii qabaachuu, misoomaan waaressee jiruufi jireenya isaa fooyyessuun badhaadhina maatiifi guddina biyyaa keessatti gaheessaa qooddachuudha. Kun akka milkaa’uufis itti gaafatamummaa dachaa qabu adda durummaan bahachuu irratti argama.

Dhumarrattis, ayyaanni kun kan milkii, gammachuu, jaalalaa, injifannoofi badhaadhinaa akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsaa, irra deebi’uun hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan Baga Ayyaana Faasikaa Bara 2016n Nagaan Isin Gahe!.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Ebla 26 Bara 2016

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.