Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama deesse

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama da’uu ibsameera

Dubartiin kun daa’imman lamaan da’uuf sa’aatii 20’f ciniinsuu keessa turte.

Dubartiin Umuriin waggaa 32 Yunivarsiitii Alabaamaa Hospitaala Birminghaam (UAB) keessatti mucaa durbaa tokko Kibxata, ishee lamaffaa ammoo gaafa Roobii deesse.

Isheen jalqabaa Raaksii jedhamtu Kibxata naannoo sa’aatii 19:45tti karaama uumamaan dhalatte. Isheen lamaffaa Reebel jedhamtu ammoo Roobii saatii 10 ishee jalqabaa biraa haftee mala ‘C-section’ jedhamuun dhalachuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.