Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin umri waggaa 65 ulfa ta’uu isaanii osoo hin beekin ilma dahan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Jiraattuu magaalaa Finfinnee kan ta’an dubartiin ganna 65 aadde Sinidduu Sawunnet hanga guyyaa da’anitti ulfa ta’uu hin beekan ture.

Hojii gabaa keessatti kuduralee gurguruun kan bulan aadde Sinidduu waggooti dheeraa dura sababa ulfi irraa ba’uun daa’ima godhachuu dhabuun, umuriin isaanii akka deeme dubbatu.

Daa’ima da’anii dhungachuu akka danda’aniif yeroo dheeraaf erga kadhachaa turanifi boodarra abdii akka kutan himuun laguu erga arganillee yeroo dheeraa akka ta’e dubbataniiru.

Caamsaa 16 irratti garaankoo nadhukkuba, na ciniina jechuun abbaa manaa isaanii hojii deemanitti bilbilaan himu.

Abbaan manaa haati warraa isaani dhibee garaachaa akka qaban beekanis yaadda’uun gara buufata fayyaatti akka isaan geessaniif haala mijeessani.

Ogeessoti fayyaa buufata fayyaa naannoo Garjii Dil Firee jiran, dhukkubbiin itti dhaga’amaa jiru miixuu ta’uusaa aadde Sinidduuf ibsuun maaliif haga ammatti hordoffii fayyaa akka hin arganne yeroo gaafatan ‘ulfa ta’uukoo hin beeku’ jechuun deebisaniirufi.

Yeroo kanattii gara Hospitaala Zawuditutti kan dabarfaman aadde Siniduu mucaa dhiiraa nagaan ofkalaniiru.

Haati manaa isaanii ulfa ta’uu akka hin beekne kan dubbatan obbo Habtaamuu Galaan, osoo hin yaadiin abbaa ilmaa ta’uu isaanitti gammaddoo ta’us TOI hamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.