Fana: At a Speed of Life!

Dura taa’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hidha haaromsaarratti carraaqqii biyyoonni sadeen gara waliigalteetti dhufuuf taasisaan akka deeggaru beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Dura taa’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hidha haaromsaarratti carraaqqii biyyoonni sadeen gara waliigalteetti dhufuuf taasisaan akka deeggaru beeksise.

Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiril Raamaafoosaa Hidha haaromsaarratti biyyoonni sadeen gara waliigalteetti fiduuf carraaqqii isaan taasisaan akka deeggaran beeksiseera.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Gutaareez Preezdaantiin Afrikaa Kibaa fi Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa wayita ammaa Raamaafoosaa Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gara waliigalteetti akka dhufaniif carraqqii isaan taasisaaniif deeggarsa guutuu akka qaban ibsaniiru.

Adeemsa waliigaltichaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deegarsa guutuu akka taasisu ragaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamaan Addaa Ityoophiyaa irraa aragme ni mul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.