Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee waloomaa ummatoota Oromiyaa fi Gaambeellaa cimsuun barbachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)-Duudhaalee waloomaa ummatootaa Oromiyaa fi Gaambeellaa gidduu waarinaan cimsuun barbachisaa ta’uun ibsame.

Koonfiraansiin nageenyaa godinaalee, aanaalee fi gandoota Naannolee Oromiyaa fi Gaambeellaa waldaangessaniitti gaggeeffameera.

Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Gaambeellaa Akuwaayi Ujuluun, koonfiraansicharratti ummatoonni naannolee lameenii hariiroo hawaasummaa fi diinagdee akka qaban eerameera.

Tokkummaa fi obbolummaa ummatoota lamaanii cimsuun hiyyummaa fi duubatti hafummaa irratti duuluu akka qaban akeekan.

Hariiroo ummatoota naannolee lameenii cimsuun fayyadamtoota misoomaa fi nageenyaa taasisuun akka danda’ame eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Misoomaa fi Nageenyaa Naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa Firoomsaa Solomoon gama isaaniin, ummatoonni naannolee lameenii baroota dheeraa kan waliin jiraatan ta’uu beeksiseera.

Waltajjichi hariiroo fi tokkummaa ummatoota lameen gidduu jiru cimsuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi diinagdee cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu himan.

Tokkummaa hawaasaas daran cimsuuf hojiin hariiroo ummataa fi ummataaf gaggeeffamaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.