Fana: At a Speed of Life!

Duudhaaleen sirna Gadaa tokkummaa fi obboleeyyummaa biyyaaf faayidaa guddaa qaba – Ministeera Aadaa fi Tuurizimii

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Duudhaaleen sirna Gadaa tokkummaa fi obboleeyyummaa biyyaaf faayidaan qabu olaanaa waan ta’eef kunuunsuu fi eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuu akka barbaachisu Ministeerri Aadaa fi Tuuriziimii waamicha dhiyeesse.

Guyyaa sirni Gadaa galmee addunyaatti galmee’e waggaa 4ffaa sababeeffachuun agarsiifni ijaarsa Gadaa Gujii fi qophiin aartii aadaa magaalaa Bulee Horaatti gaggeeffameera.

Ityoophiyaan biyya aadaa fi duudhaalee sabaa fi sablammoota hedduu ta’uu sirnicharratti kna argaman ministir Deettaan ministeera Aadaa fi Tuuriizimii aadde Farihaat Mahaammad ibsaniiru.

Duudhaaleen sirnichaa tokkummaa fi obbola’ummaa biyyattiif shoora olaanaa waan qabuuf kunuunsuu fi eeggumsa barbaachisu taasisuun dhaaloota itti aanuuf dabarsuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.