Fana: At a Speed of Life!

Duulli birmadummaa MM Abiy Ahimadiin durfamu bu’aa olaanaa galmeessaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Duulli birmadummaa Muummee Ministiraa FDRI durfamu bu’aa olaanaa galmeessaa jiraachuu  Seekreetariyaat Preesiin Waajjira Muummee Ministiraa beeksise.

Seekreetariyaat Preesiin Waajjira Muummee Ministiraa duula birmadummaa, deeggarsa namoomaa, haala waqtaawaa biyyattii fi dhimmoota walqabatanirratti ibsa laateera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad tokkummaa biyyaa itti fufsiisuuf adda waraanaatti argamuun hoggansa laataniin bu’aa olaanaan argamuu Itti gaafatamtuun Afaanoota alaa fi Diijitaal Miidiyaa Seekreetariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Billaneen Siyyuum himaniiru.

Sodaa birmadummaa fi tokkummaa biyyaarratti aggaamame qolachuurratti hojiin hojjetame bu’aa olaanaa galmeessiisu kaasaniiru.

Qaamoleen nageenyaa iddoolee gareen shororkeessaa ABUT to’atee ture gadi dhiisiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Dargaggoonni gareen shororkeessaa ABUT dirqisiisee waraanarratti hirmaachisa jiru qaamolee nageenyaa mootummaatti akka harka laatan waamichi dhiyaachuus himaniiru.

Deeggarsi namoomaa gama Komishinii Hoggansa Sodaa Balaan Lammiilee Naannoo Amaaraa, Afaarii fi Tigraayiif dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Sababa weerara gareen shororkeessaa ABUT baneen naannoo Amaaraatti lammiileen miiliyoonni 1.1 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu kaasaniiru.

Naannoo Afaariitti ammoo lammiileen kumni dhibbi 1 ol buqqa’uu himaniiru.

Kutaalee biyyattii hundatti rakkoon nageenyaa akka jiru fakkeessuun ololli ooffamaa jiru shira ta’uu fi gochichi qabatamaan lafarra kan hin jirre ta’uu hubachiisaniiru.

Qaamoleen keessaa fi alaa  bu’aa siyaasaa argachuuf birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf socho’aa jiran gochicharraa of qusachuu akka qaban akeekkachiisaniiru.

Hawaasni idil addunyaa mootummaa Ityoophiyaa karaa seera qabeessan aangoo qabate waliin hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Diyaaspooraawwan kutaalee addunyaa garaagaraatti argaman dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf tattaaffii taasiisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.