Fana: At a Speed of Life!

Duulli miidiyaalee hawaasaa ‘Raayiziing Ityoophiyaa’ jedhu eegalame

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Duulli miidiyaalee hawaasaa ‘Raayiziing Ityoophiyaa’ jedhu har’a eegalameera.

 

Duulicha Ministeera Dhimma Alaa, Tuurizim Ityoophiyaa fi  Ityoophiyaanoota birootu tumsaan qopheesse jedhameera.

 

Odeeffannowwan dogongoraa baatiwwan darban  miidiyaalee garaagaraan tatamsaa turan sirreessuu fi maqaa Ityoophiyaa roga gaariin  beeksisuuf kan qophaa’e ta’uu himameera.

 

Duulicha Ityoophiyaanoonni biyya alaa jiraatan kan qindeessan ta’uu ibsameera.

 

Duulichaan qabeenya kuufamaa Invaastimantii, aadaa, iddoolee hawaata tuurizimmi, tola ooltummaa fi Proojektoota Ityoophiyaan qabdu hawaasa addunyaatti beeksisuuf ta’uu himameera.

 

Duulichi baatii lamaaf kan turu ta’uus ibsameera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.