Fana: At a Speed of Life!

Eejansichi diinagdee digiitaalaa haleellaarra bifaa eegeen hojiirra oolmaa ce’uumsa waggoota shaniif dirirsee eegalu beeksise

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Eejansiin Nageenya odeeffannoo diinagdee digiitaalaa haleellaarra bifaa eegeen hojiirra oolmaa ce’uumsa waggoota shaniif dirirsee eegalu beeksiseera.

Dhaabbatichi jijjiirrama biyyaan walqabatee kallattii xiyyeeffannoo ka’uun akka biyyaatti ergamasaa sirnaan ba’achuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Kana duraa dhaabbatichi itti gaafatamuummaa walmakee sirreessun ergamasaarratti hojjeechuuf murteessuu daayreektarrii olaanaan Eejansii Nageenya Odeeffannoo Dooktar Shuumatee Gizaaw ibsaniiru.

Ijarsa bu’uuraalee misoomaa akka biyyaatti eegalaman bu’uureffachuun haleellaan saaybarii aggaamamuu ittisuuf qophii ta’uu Dooktar Shuumatee ibsaniiru.

Ijarsichi haleellaawwan aggaamame haala gaariin ofirraa deebisuun kana boddee haleellaa saaybarii biyya keessaa fi alaa aggaamamu kamiyyuu ittisuuf qophii ta’uu himaniiru.

Keessattu hidha haaromsaa waliin walqabatee hookkara ka’aanii fi haleellaa saaybarii ittisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Kana waliin wal qabsiisee Asxaa haaraan dhaabbaticha ibsuu qophaa’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.