Fana: At a Speed of Life!

Eeruun kaadhimamtoota Badhaasa “Nama Gaarii” Guraandhala 1, 2015 eegala

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC)- Sagantaan eeruu kaadhimamtoota “Nama Gaarii” 11ffaa Guraandhala 1, 2015 irraa eegalee baatii tokkoof kan gaggeeffamu ta’uu Dhaabbanni Badhaasa Tola Ooltummaa “Nama Gaarii” beeksise.

Dhaabbatichi sagantichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Waggootan kurnan darbaniif ogummaa, yeroo, beekumsaa fi maallaqa qabaniin Ityoophiyaaf olmaa kan oolan sadarkaa biyyaalessaatti beekamtii fi badhaasa kennaa turuun kan yaadatamuudha.

Walitti Qabaan Boordii Dhaabbatichaa Obbo Natsaannat Tasfaayee, badhaasichi barsiisummaan, saayinsii fi teeknoloojiin, Artiin, tola ooltummaan, hojii umuun, hoggansa dhaabbilee mootummaan, hambaa, aadaa fi tuuriizimiin, qorannoo hawaasummaan, miidiyaa fi gaazexeessummaan akkasumas guddina Ityoophiyaaf dameewwan 10 irratti Ityoophiyaanota gumaachaa taasisaniif beekamtiin kan kennamu ta’uun eerameera.

Kaayyoon badhaasaa “Nama Gaarii” hubachuun kaadhimamtoonni wayiita eeraman eenyummaa, teessoo, hojiilee fakkeenyaa gaarii raawwatan bal’inaan akka ibsan waamichi dhiyaateera.

Eertonni, kaadhimamtoota ‘Badhaasaaf ga’oo’ ta’uu tilamaman karaa ergaa gabaabaa, vaayibarii, whats up(+2519-77-23-23-23), iimeelii (begosewprize@gmail.com) fi Saanduqa poostaa (150035) eeruu akka danda’an beeksiseera.

Adeemsi eeruu erga xumurameen booda filannoon badhaafamtootaa abbootii murtii muuxannoo qabaniin kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.