Fana: At a Speed of Life!

Eeruuwwan malaanmaltummaa 52 qoratamaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti malaanmaltummaan walqabatee eeruuwwaan 52 simachuun qorannoo gaggeessuu eegaluu Koreen Farraa Malaanmaltummaa naannichaa beeksise.

Walitti Qabaan Korichaa fi Hoggaanaan Biiroo Haqaa Naannichaa Obbo Sa’iid Baabakiir ibsa kennaniin, eeruuwwan malaanmaltummaa 52 koricha qaqqaban keessaa, eeruuwwan 44 irratti shakkamtoonni 93 to’atamuun qorannoon gaggeeffama jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannicharraa argme ni mul’isa..

Qorannichaanis miidhaan Birrii miiliyoona 45 ga’uu mirkanaa’uu Obbo Sa’iid ibsaniiru.

Maallaqni mattaa’aan fudhatame Birrii kumni 463 fi 528 mootummaaf deebifamuu dubbataniiru.

Dabaltaan lafti seeraan ala kaaree meetirri kumni 99 ol mana murtiin akka ugguramuu taasifamuu eeraniiru.

Hawaasni, qabsoo farraa malaanmaltummaa eegalame bu’aa qabeessa taasisuuf eeruu qabatamaa kennuu hanga ragaa bahuutti hirmaannaa isaa cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.