Fana: At a Speed of Life!

Eevartan seera Faayinaansii Piriimaayer liigii darbuu isaan qabxiin 10 irraa hir’ate

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Kilabni Marsiisaayid Eevartan seera Faayinaansii Piriimaayer liigii Ingilaandi darbuu isaan qabxiin 10 irraa hir’ateera.

Qorannoo fi hojii qulqulleessuu gaggeeffamaan kilabichi seera faayinaansii liigichaa darbuu isaan qabxiin 10 akka irraa hir’atu itti murtaa’eera.

Akkaataa seera liigichaan kilaboonni yakka akkasii yoo raawwatan waggaa sadiin Paawundii miiliyoona 105 akka kaffalan yookaa qabxiin akka irraa hir’ifamu taasiifama.

Eevartan adabbicha ilaalchisee mirga ol iyyannoo kan qabu ta’uu Piriimaayer liigichi beeksiseera.

Haaluma kanaan Eevartan tapha Piriimaayer liigichaa bara kanaan hanga ammaatti qabxii 14 kan argate yoo ta’uu, qabxiin 10 irraa hir’ifamuun qabxii 4 sadarkaa 19ffaarra ta’uuf dirqameera.

Kilabichi taphoota hanga ammaatti taphate 12 keessaa 4 injifachuun 2 qixa yoo ba’u, 6 injifatameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.