Fana: At a Speed of Life!

Ejensichi Balaa Tiraafikaa hir’isuf xiyyeffannaan hojjecha jiraachuu ibse

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Ejensiin Geejjiba Oromiyaa balaa Tiraafikaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.
Ejensiichi to’attoota Ejensii Geejjiba 819 marsaa lamaan leenjisaa ture eebbisiseera.
Hoogganaan Ejeensi Geejjiba Oromiyaa Obbo Daani’eel Charinnat Sirna Eebba to’attoota kanneenirratti hasaawa taasiisaniin, balaa Tiraafikaa naannichatti mudatan waaraan furuuf xiyyeffannoon hojjetama jiraachuu dubbataniiru.
To’attoota Ejensii geejjibaa rakkoo naamusaa qaban 319 irratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu ibsaniiru.
Uummannii fi to’attoonni hannarratti qabsoo taasiisan jiran daran cimsanii itti fufuu akka qaban gaafataniiru.
Hawaasni odeeffannoo karaa bilbilaa tolaa 8556 ‘n dhiyyeessuu akka danda’an eeraaniiru.
Hoogganaan Nageenya Daandii fi Tajaajila Inshuraansii Oromiya Obbo Jamaal Abbaasoon gamaasaaniin, Balaa tiraafikaa Sukkaneessaa qabeenyaa fi lubbuu namaa mancaasaa jiru hir’isuuf to’attoota EGO gahee isaanii daaraan bahachu qabu jechuu ragaan ejensicharra argme ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.