Fana: At a Speed of Life!

Erga waliigaltee nageenyaa as Naannoo Tigraayitti midhaan nyaanni meetirik toonii kuma 32 dhiyaachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)- Mootummaa fi ABUT gidduutti waliigaltee nageenyaa mallataa’een booda Naannoo Tigraayitti midhaan nyaataa meetirik toonii kuma 32 fi bob’aan liitirri kuma 360 dhiyaachuu Komishiniin Hoggansaa Soda Balaa Ityoophiyaa beeksise.

Koomishinarri Komishinichaa Shifarraa Takilamaariyaam ergaa waliigaltee as deeggarsaa namoomaa Naannoo Tigraayitti dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan kooridaroota afuriin geejjibaa lafarraa fi geejjibaa qilleensaan gama buufata xiyyaaraa Shireen deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Waliigaltee Piritooriyaa booda hanga Sadaasa 16, 2015tti mootummaan midhaan callaa meetirik toonii kuma 13 fi nyaata madaalawaa, gama dhaabbilee deeggartootaan ammoo midhaan nyaataa meetirik toonii kuma 19 Naannoo Tigraayitti ergamuu himaniiru.

Torban darbe deeggarsaa namoomaa naannachaatti ergames lammiilee miiliyoona 2 ol jiraattota naannichaa fayyadamtoota taasisuu eeraniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.