Fana: At a Speed of Life!

Erga waraanni eegalee loltoonni kumni 31 jalaa ajjeeffamuu Yuukreen beeksifte

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC) – Erga Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen eegalee waggaa lamaan darban keessa Loltoonni Yuukreen kumni 31 jalaa ajjeefamuu Pireezidaantiin Yuukreen Voloodmiir Zeleniskiin beeksisan.

Pireezidaantiin Yuukreen Voloodmiir Zeleniskiin lakkoofsa loltoota madaa’anii himuurraa of qusataniiru.

Pireezidaanti Zeleniskiin lakkoofsa loltoota walii galatti du’anii himuunsaanii deeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa taasisan harkifachuurraa kan ka’e ta’uu eerameera.

Yuukreen adda waraanatti daangashees loltootas dhabaa jiraachuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattii ifoomsee ture.

Pireezidaanti Zeleniskiin lakkoofsa loltoota du’anii himuunsaanii Raashiyaan odeeffannoo sobaa kenniteef deebii kennuuf ta’uu himameera.

Waraana kana keessatti loltoonni Yuukreen kumni 31 du’aniiru, akka Puutiin kuma 300 jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasanii miti jedhan Pireezidaanti Zeleniskiin.

Garuu duuti tokkoon tokkoo loltoota kanneenii nu dhukkuba jedhuun ibsaniiru.

Loltoota du’aniin alatti namoonni nagaan heddu waraana kana keessatti du’uufi miidhamuu himaniiru.

Yuukreen lakkoofsi loltoota du’anii kuma 31 haa jettu malee Ameerikaan ammoo kuma 70 – 120 ni ta’u jettee turte.

Gama Raashiyaan ammoo loltoonni kumni 180 du’uu Pireezidaanti Zeleniskiin dubbataniiru.

Yeroo ammaa deeggarsi meeshaalee waraanaa Yuukreenif taasifamu waan haphateef Raashiyaan adda waraanatti Yuukreen irratti olaantummaa argataa jiraachuu himameera.

Biyyoonni Lixaa deeggarsa meeshaa waraanaa duubatti jalaa harkisaa jiraachuu Ministiirri Ittisaa Yuukreen Rustaam Umeerov himuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.