Fana: At a Speed of Life!

F/M Birhaanuu Juulaan Boqochuu Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Keeniyaan gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan boqochuu Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Firaansiis Omondii Ogolaan gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun ibsa isaaniin Jeneraal Firaansiis Omondii nageenyii fi tasgabbiin biyya isaanii fi naannawichaa akka mirkanaa’uuf gumaachi isaanii olaanaa akka ture kaasan.

Isaanii fi qondaaltota waraanaa biroo balaa Heelikooftaraa irraa ga’een lubbuun isaanii darbuun gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Jeneraal Firaansiis Omondii gumaachaa nageenyaa fi tasgabbi Keeniyaa fi naannawichaaf taasisaniin yoomiyyuu ni yaadatamu jedhanii, wayita rakkoo kanattis Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa ummatoota obbolaa Keeniyaa cinaa akka dhaabbatu ibsaniiru.

Maatii fi firoottan qondaaltota balaa Helikooftaraan lubbuun isaanii darbeefis jajjabina hawwuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.