Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet ogeeyyii leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 25, (FBC) – Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet ogeeyyii Poolisii Federaalaa Ogummaa garaagaraan leenjisaa ture eebbisiiseera.

Dhaabbatichi ogummaa Suuraa Kaameera , Viidiyoo, Eeditiin Vidiiyoo fi Giraafiksiin hojjetootaa Biiroo Qoraanoo Yakkaa Poolisii Fedeeraalaa leenjisaa ture 22 eebbiseera.

Leenjitoonni kunneen marsaa laman baatii tokkoof leenji’an ta’uu eerameera.

Sirna eebbicharratti Hojii Rawwaachisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoo fi qondaaltoonni Poolisii Fedeeraalaa waamichi taasifamef argamaniiru.

Poolisiin Federaalaa utubaa biyyaa ta’uu Obbo Admaasuun ibsaniiru.

Poolisii Fedeeraala tajaajiluun kabaja kan jedhan Obbo Admaasuun, gara fuuladurattis qindoominaan waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Feebaan Bishaawtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.