Fana: At a Speed of Life!

Faanaan waggaa 25ffaa sababeeffachuun yeroo tamsaasaa Afaan oromoo irratti kan xiyyeeffate waltajjii marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) –Faanaa Biroodkaastiingi koorporeet waggoota 25 darbaniif yeroo tamsaasa sagantaa Afaan Oromoo irratti kan xiyyeeffate waltajjii marii gaggeessaa jira.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiingi koorporeet obbo Adimaasuu Daamxaw Faanaa Biroodkaastiingi koorporeet wagga 25 har’aa Afaan Oromoon miidiyaa jalqabaa ta’uu yaaddachiisaniiru.

Sa’aa tamsaasaa buufata olaanaa dabalatee Naannoo Oromiyaadhaa buufataalee FM 5 banuun hawaasa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Dhaabbatichi waggoota 25 darban afaan, aadaa, aartii, seenaan Oromoo akka guddatuuf ga’ee olaanaa taphachuu obbo Adimaasuun himaniiru.

Sadarkaa ministiraatti Daayreektarri Inistiitiyuutii Qorannaa fi Leenjii, Haqaa fi Seeraa Federaalaa fi Miseensi Boordii Faanaa Biroodkaastiingi koorporeet Ambaasaaddar Daggifee Bulaa Faanaan ummanni biyyatti odeffannoo sirrii akka argatuu akkasumaas misoomni fi demokiraasiin akka babbal’atuuf hojjechaa turuu kaasaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo mootumma naannoo Oromiyaa, ogeessoonniaartii fi hayyoonni argamniiru.

Waltajjii Marii kana irratti tamsaasa Afaan Oromootin gahee guddina Afaan, Aadaa fi Aartii Oromoo keessatti bahate ilaalchisuun waraqaan qorannoo dhiyaateera.

Damee tamsaasa Afaan Oromootiin itti quufinsa daawwattootaa fi dhaggeeffattoota isaa mirkaneessuu haala dandeessisuun tarkaanfii fooyya’insaa fudhatu keessatti yaadoonni garagaaran waraqaa qorannoon dhiyaachaa jira.
Maartaa Geetaachawtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.