Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa horsiisee bultootaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 20015 (FBC) – Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Godina Booranaa, Aanaa Areeroo magaalaa Halloonaatti horsiisee bultootaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiseera.

Godina Booranaa, Aanaa Areeroo magaalaa Halloonaatti Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa maatii horsiisee bultootaa kuma 1 fi 200 hongeen miidhamaniif deeggarsa daakuu kuntaala 150 taasisuu haati warraa Artistii Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuun himaniiru.

Kantibaan Magaalaa Halloonaa Obbo Huseen Kottoolaa deeggarsa yeroo rakkoo kanatti taasiifameef galateeffachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.