Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Qaaraa/Qorqaa/Caccee

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) –Qaaran/Qorqaan gosa nyaataa viitaminii fi albuudota adda addaan badhaadhe.

Yeroo baay’ee akka mi’eessituu nyaatatti fayyada.

Qaaraan qabiyyee fayyaa qaama namaaf barbaachisan hedduu of keessaa qabda.

Qabiyyee Qaaraa

➪ Viitaminii- A, C, B6, K

➪Albuuda-Pootasiyeemii,koopparii

➪ Akkasumas Kaarbohayidireetii, Pirootinii, Faatii fi Faayibarii amma xiqqoon of keessaa qaba.

 Faayidaawwan Qaaraa Keessaa Muraasni:-

-Ulfaatina qaamaa hir’isuuf

– Qaama si’eessu fi kulkula hir’isuuf

– Carraa dhibee sukkaaraa gosa 2ffaan qabamuu ni hir’isa

– Dhukkubbii hir’isuuf (dhukkubbii akka maayigireenii fi dhukkubbii buusaawwanii)

– Fayyaa onnee eeguu keessatti gahe qaba/ Corqaa baayy’inaan nyaachuun carraa dhibee onneen qabamuu % 40 akka hir’isu qorannoon ni ibsa.

– Hir’ina dhiigaa ittisuuf

– Fayyaa ijaaf

-Fayyaa gogaaf/ Gogaan qaama namaa akka dafee walitti hin butamnee fi dulluma ittisa

-Alarjii hir’isuuf ni oola

– Fayyaa sirna bullaa’ina nyaataa eeguf

Namota Dhibee garracha qabdaniif baay’ee hin gorfamu.

Maddi:- fuula waa’ee fayyaa
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.