Fana: At a Speed of Life!

Farreen Nageenyaa Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa keessa socho’an harka kennaa jiru jedhame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Farreen Nageenyaa Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa naannawaa adda addaa keessa socho’aa turan harka kennaa jiraachuu Raayyaan Ittisaa beeksise.

Tarkaanfii cimaa eegdoota Riippablikaaniin irratti fudhatamaa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun harka kennachaa jiruu Walitti qabaan Komaandi Poostii Shawaa Kaabaa Birgaadar Jeneraal Abbabaaw Sa’id ibsaniiru.

Farreen nageenyaa kunneen carraa nageenyaa kennameefitti fayyadamuun harka laachaa jiraachuu eeraniiru.

Raayyichi dirqama itti laatame of eeggannoo cimaan raawwachuun nageenya ummataa mirkaneessaa jiraachuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.