Fana: At a Speed of Life!

FBC Kitaabilee 2400 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaache

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Faanaa Broordkaastiing Korporeet Kitaabilee kuma 2 fi 400 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaacheera.

Dhaggeeffattoonnii fi daawwattoonni hundi adeemsa hojii kitaabilee walitti qabuu keessatti akka hirmaatan dhaabbatichi hojjechaa turuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broordkaastiing Korporeet obbo Admaasuu Daamxoow ibsaniiru.

Marsaa kanaan lakkoofsa osoo hin taane qabiyyeerratti xiyyeeffatamuu himaniiru.

Manni Kitaabaa Abrihoot dhaloota qaruuf qooda olaanaa qabaachuu kan ibsan obbo Admaasuun, dhaloonni hubannoo seenaa, ogummaa, biyyaa fi addunyaa akka horatu kitaabilee kanneen gumaachineerra jedhan.

‘Kitaaba miiliyoona dhaloota miiliyoonaaf’ mata duree jedhuun sagantaan kitaaba walitti qabuu Eebila 28, 2014 hanga Caamsaa 29, 2014tti eegalamuun kan yaadatamuudha.

Kutaaleen hawaasaa hundi adeemsa kitaaba walitti qabuu kanarratti hirmaachuun hojii dhaloota qaruurratti ashaaraa isaanii akka kaa’an waamichi dhiyaateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.