Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi tapha kaleessa Itiyoophiyaan Seeraaliyoon waliin taphatterratti komii dhiyeesse

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa tapha kaleessa Itiyoophiyaan Seeraaliyoon waliin taphatterratti FIFA’f komii dhiyeesseera.

Haala qilleensaa tureen walqabatee Waldaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaaf komii dhiyyeessera.

Gareen Kubbaa Miilaa Dhiirootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa kaleessa Seeraaliyoon waliin taphachuun goolii malee qixaan qabxii qooddateera.

Sababa haala qilleensaan taphichi yeroo sadiif adda cite ture.

Haala qilleensaa rakkichaa kana keessatti taphni akka itti fufu taasiifamuun sirrii akka hin taane komii isaa ibsateera.

Gama biroon Federeeshinichi tapha ramaddii gulaallii Waancaa Addunyaa yeroo itti aanu Burkiinaafaasoo waliin qabuuf sa’aatiin akka fooyya’u gaafateera.

Waldaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaas gama isaan, komicha ilaalaa jiraachuu eeruun saffisaan deebii kan laatu ta’uu himuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.