Fana: At a Speed of Life!

Qindoominni Federeeshinii Eejansii Qunnamsiistuu Bobbii Hojii Biyyoota Alaa Ityoophiyaa ifoome

Finfinnee, Muddee 29, 2012(FBC) – Qindoominni Federeeshinii Eejansii Qunnamsiistuu Bobbii Hojii Biyyoota Alaa Ityoophiyaa har’a ifoomera.
 
“Tokkummaan nageenya lammiileef’ mata duree jedhuun guyyaa har’aa Hooteela Iskaay Laayititti qindoomina isaa ifoomsera.
 
Federeeshinichi lammiileef tajaajila ga’aa kennuuf caalmaatti qophaa’uu isaa beeksiseera.
 
Sirna qindoominaa ifoome kana irratti argamuun haasa kan taasiisan ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen, eejansichi qunnamtii bobbii hojii alaarratti imaanaa mootumman itti kenne ga’umsaan bahuuf gamtaan ijaarramuu fi federeeshiniin qindoomina uumuun isaa humna cimaa akka horatuuf ni gargaara jedhaniiru.
 
Qindoominichi dandeettii raawwii ta’uu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni agarsiisa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.