Fana: At a Speed of Life!

Fedhii geejjibaa guutuuf hojjetamuu qaba

Finfinnee, Amajjii 2, 2012 (FBC) – Ummataaf Fedhii geejjibaa guutuu fi gaaffiilee damichaan ka’u deebisuuf hojjetamuu qaba jedhame.

Ministeerri Geejjibaa fi dhaabbileen qindoomaa geejjibaa raawwii hojii Baatii 6 irratti gamaggama gaggeessaa jiru.

Gamaggama raawwii hojji Baatii 6 kana irratti argamuun haasawa kan taasisan Ministirri Geejjibaa FDRI aadde Daagimaawwiit Mogas ciminoota argaman itti fufsiisuun, hanqinoota mul’atan ammoo furuuf hojjetamuu qaba jedhan.

Fedhii geejjibaa guutuu fi gaaffilee damichaan dhiyaataniif deebii kennaa deemuun murteessadha jedhan.

Guyyaa har’aa gabaasni raawwii Geejjiba Baabuura Iityoo-Jiibuutii, Abbaa Taayitaa Siiviil Aveeshinii Ityoophiyaa, waajjira Bulchiinsa Fandii Daandii dabalatee kan dhaabbilee qindoomaa Geejjibaa biroo dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.

Gamaggamichi boorus kan itti fufu yoo ta’u, hanqinoota damicha irratti mul’atan haala furuun danda’amu irratti kallattiin kan kaa’amu ta’uu ragaan Ministeera Geejjibaa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.