Fana: At a Speed of Life!

“Fichee Cambalaalaan” kabajamaa jira

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)-Jijjiirraan bara haaraa Ummata Sidaamaa “Fichee Caambalaalan” Magaalaa Hawaasaa Guddumaalleetti kabajamaa jira.

Kaleessa kabajamuu kan eegalee ayyaanichi sirni Cambalaalaa har’aa gaggeeffamaa jira.

Ficheen guyyaa bashannaanaa fi galteeffannaa waan ta’eef, dhalattoonni Sidaamaa gamtaan addabaabaayii Guddumaalleetti ayyaanicha kabajachaa jiru.

Argisiisaa fi dhiichisa aadaa kan ta’e taphni “Qeexaalaa” abbootii Sidaamaan gaggeeffamaa jira.

Sirna ayyaanichaarratti Pireezidaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo dabalatee, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu, Ministira Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministira Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii fi qondaaltonni hojii sadarkaa federaalaa fi naannichaa biroon argamaniiru.

Xilaahuun Yilmaa, Birhaanuu Bagaashaa fi Tamasgeen Bulbulaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.