Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3’n Itiyoophiyaan meedaaliyaa Maaldaa argatte

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)-Dorgommii Fiigicha Gufachiisaa meetira Kuma 3’n Atileet Loomii Mullataa meedaaliyaa Maaldaa Itiyoophiyaaf argamsiisteetti.

Atileet Loomiin dorgommicha daqiiqaa 9 fi Sekoondii 26, maayikiroo Sekoondii 63’n sadarkaa 3ffaan xumuruu dandeesseetti.

Akkasumas Atileet Simboo Alamaayyoo fi Firehiiwot Gassasaan sadarkaa 4ffaa fi 5ffaan dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii kana Atileetiin Keeniyaa Biyaatiriis Cheepikoyuuch daqiiqaa 9, Sekoondii 15 fi maayikiroo Sekoondii 61’n rikardii haaraa galmeessuun yoo xumurtu, Atileetiin Ugaandaa Peeruuz Cheemuutaay 2ffaan xumurteetti.

Solomoon Baqqalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.