Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Atileetoonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan har’a Laatiiviyaa Rigaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 20, 2016 (FBC) – Shaampiyoonaa Fiigicha daandirraa Laatiiviyaa Rigaatti har’a gaggeeffamurratti Atileetoonni Itiyoophiyaa ni eeggamu.

Atileetoonni dubartootaa 7 fi Dhiirootaa 6 waliigalaan Atileetoonni 13 Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu jedhame.

Dorgommiin fiigicha meetira kuma 5 dubartootaa har’a waaree dura sa’aatii 5:50 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’uu Atileet Ijjigaayyoo Taayyee fi Madinaa isaa ni eegamu.

Dorgommii maayila 1 guyyaa sa’aatii 7:00 eegalee dubartoota gidduutti dorgomamuun ammoo Atileet Dirribee Waltajjii fi Fireewayinii Hayiluun ni eegamu.

Fiigicha sa’aatii 6:15 irraa jalqabee meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti fiiggamuun Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Hagos Gabramadin tilmaama injifannoo argataniiru.

Akkasumas sa’aatii 7:10 irraa jalqabee fiigichi maayila 1 dhiirootaa kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Atileet Taaddasaa Lammii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaata.

Sa’aatii 7:30 irraa eegalee fiigichi walakkaa maaraatoonii dubartootaa kan fiiggamu yoo ta’uu,Atileet Tsiggee Gabrasalaam, Yaalamgeex Yaaragaalii fi Fittaaw Zarfeen ni eegamu.

Dhiirootaan ammoo Atileet Jamaal Yimar, Nibrat Malaakii fi Tsaggaayyee Kidaanuu Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.