Fana: At a Speed of Life!

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Gita isaanii Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Keeniyaatti daawwannaa taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin gita isaanii Keeniyaa Generaal Firaansiis Omondii Oggolaa waliin walitti dhfeenyaa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dabalataan dhimmoota faayidaa waloo fi gamlameerratti marii bu’aa qabeessaa taasisu ragaan Keeniyaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan maricharratti simannaa taasifameefiif galateeffatanii hariiroo biyyoota ollaa waliin jiru cimsuu fi naannawichatti nageenyaa fi badhaadhina mirkaneessuuf mul’ata waloo qabaachuun murteessaa ta’uu himan.

Daawwannichis hariiroo michummaa fi tumsa yeroo dheeraa Keeniyaa fi Itiyoophiyaa gidduu daran cimsuuf kutannoo jiru ibsaniiru.

Rakkoolee waloo furuu fi fuulduratti carraalee jiran fayyadamuuf walta’iinsa cimsuun murteessaadha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.