Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Fulbaana 20 gaggeeffamuuf qophii ga’aan taasifameera jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Filannoo Fulbaana 20 gaggeeffamuuf Boordiin Filannoo Biyyoolessaa qophii ga’aa taasisuusaa beeksiseera.

Boordichi adeemsa qophichaa ilaalchisuun gaazixeessitotaaf ibsa laateera.

Filannoo marsaa 2ffaa dheerateerratti lammiileen miiliyoonni 7.6 akka hirmaataan kan ibsan gorsituun kominikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaan Shimallis, filannicha gaggeessuuf boordichi qophii barbaachisaa taasisuusaa ibsaniiru.

Filannicha gaggeessuuf raawwachiftoonni filannoo kumni 30tti siqan qophaa’uus himaniiru.

Naannolee Kibbaa, Somaalee fi Harariitti filannoo Fulbaana 20 gaggeeffamuuf mana maree naannoo 47 fi 105 ammoo mana maree bakka bu’oota uummataa naannooleen filannoo qopha’aa jiraachuu aadde Sooliyaanaan himaniiru.

Paartileen siyaasa 22 kan hirmaataan yoo ta’uu, kaadhimamtoonni kumni 1fi 236 ammoo filannichaaf qopha’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.