Fana: At a Speed of Life!

Finciltoonni Huutii Doonii Ingiliiz irratti haleellaa Misaa’eelaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Finciltoonni Huutii Doonii Ingiliiz Galoogalaa Eedanirra socho’aa turte Misaa’eelaan haleeluu Dubbii Himaan Finciltoota Huutii beeksise.

Doonii fe’iinsaa Ingiliizirratti haleellaa misaa’eelaa milkaa’aa raawwachuu Dubbii Himaan Finciltoota Huutii Yaahiiyaa Saar ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabeen doonittiin dhidhimaa jiraachuu dubbii himichi ibseera.

Hojjettoota Doonichaarratti miidhaan qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Akkasumas Xiyyaara Nama maleessa Ameerikaa Yeeman bulchiinsa Huudaaydaahii keessatti haleeluun kuffisuu Yaahiiyaa Saar ibseera.

Finciltoonni Huutii deeggarsa lammiilee Filisxeemiif qaban ibsuuf Dooniwwan Ameerikaa fi Ingiliiz irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu eerameera.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa gama isaan, Finciltoonni Huutii yeroo jalqabaaf Diroonii Bishaan keessaan haleellaa raawwachuu eereera.

Haleellaa walitti aanu shan Humni Galaanaa Ameerikaa raawwateen Misaa’eela Kuruuzii fi Xiyyaaroota nama maleessa Finciltoota Huutii barbadeessuu beeksiiseera.

Finciltoonni Huutii erga haleellaa eegalanii meeshaalee waraanaa jajjaboon haleellaa raawwachuu ajajichi himeera.

Kunis Dooniwwan Daldalaa Ameerikaa naannawaa Galoogalaanarra socho’anitti sodaa nageenyaa hamaa ta’uu ibsuu TVn Press gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.