Fana: At a Speed of Life!

Finciltoota loltoota Waagner adabbii cimaa akka adaban Pireezidaanti Putiin akeekkachiisan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin finciltoota loltoota Waagner akka adaban ibsa har’a kennaaniin akeekkachiisan.

Gareen Loltoota Waagner hoggansa loltummaa Raashiyaa kuffisuuf socho’aa jiraachuu erga ibsanii as Pireezidaanti Putin yeroo jalqabaaf ibsa kennaniiru.

Putiin biyyi isaanii waraanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuurraa akka jirtu dubbatanii, humnoonni hunduu ganamuu ummata isaarra ga’e akka balaaleffatan waamicha dhiyeessaniiru.

Ibsa isaaniinis, humnoonni hundi ciminaan akka itti fufaan kan hubachiisan yoo ta’u, gochicha “ganuu” fi “shiraa duubaan ummata waraanuuti” jechuun balaaleffataniiru.

Faallaa kanaan gareen Waagner Kibba Roostoovitti Waajjira Olaanaa Raayyaa Ittisaa kan to’ate yoo ta’u, Waagner loltootaa Raashiyaarratti finciluun kan hineegamnee fi naasisaadha jedhamaa jira.

Kana hordofee Putiin ibsa kennaniin miseensota garechaa fincilan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jechuun dhaadataniiru.

Dursaa fi Hundeessan Garichaa Yevgeenii Piriigoozhiin nama iccitii qoodaaniif keessaa adda durummaan kan eeramaniidha.

Amma garuu himatamaa diinaa daran barbaadamaa keessaa tokko ta’aniiru.

Pireezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleeniskiin gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin mootummaan Raashiyaa hojii harkaa isaa argate yaadaa jedhu calaqqisiisaniiru.

Daandii badiisaa kan hordofee ofii isaa balleessaa jechuun ibsan. Kanaanis qaawwan Raashiyaa ifa galaadha jedhan.

Kunis namoota hedduu garaa waraanaatti erguu akka ta’e eeruun, Raashiyaan ammayyuu waraana ishee gara Yuukireenitti bobbaasuu hindhaabdu taanaan rakkoo caalu keessa galti jechuun hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.