Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti baatiiwwan 6n darbanitti ijaarsii daandii kiilo meetirri 340 hojjetameera

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatiiwwan 6n darbanitti ijaarsi daandii kiilo meetira 340 haaraa fi suphaan hojjetamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Finfinnee beeksiseera.

Abbaan taayitichaa raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii gamaaggameera.

Baatiiwwan 6n darbanitti hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’uu daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Injiinar Moogas Xibabuu ibsaniiru.

Bara baajataa hafe kana keessas daandiiwwan eegalamanii osoo hin xumuramin jiranii fi deebiisanii ijaaruu irratti xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Dabalataan proojaktoota ijaarsa daandii caalbaasiin isaanii adeemsarra jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuruun hojiin akka eegalamu ni taasiifama jedhan Injiinara Moogas.

Baatiiwwan 6n darban keessa daandii haaraa fi suphaan kiilo meetirri 340 hojjetamuu isaa ragaan Sakreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.