Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti bara 2014 lakkoofsi namoota balaa tiraafikaan du’anii hir’achuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Bara 2014 rakkoo nageenya daandiin lakkoofsi namootaa lubbuun isaanii darbee kan bara 2013 yoo walbira qabamu %11.4’n hir’achuu Manni Maree Nageenyaa Daandii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Bara 2013 balaa tiraafikaa mudatee tureen namonni 411 du’uu fi namoota kuma 1 fi 900 irraa miidhaan qaamaa ga’uu eerameera.

Bara darbe daandilee dukkanaan arguun hindanda’amne adda baasuun ibsaa dhaabuu, suphaa daandii fi to’annoo tiraafikaa taasisuun hojiileen balaa tiraafikaa suukanneessaa hir’isuuf dandeessisan hojjetamuu eerameera.

Itti Gaafatamaan Eejensii Maanaajimantii Tiraafikaa fi Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Mitikkuu Asmaaree, manni marichaa hojiilee eegale cimsee itti fufuun bu’aalee argaman ka’umsa taasifachuun bu’aa caaluuf hojjechuun barbaachisa ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.