Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Barsiisonni barnoota idileen duraa kuma 1 fi 658 eebbifaman

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)-Biiroon Barnootaa Finfinnee Barsiisota Barnoota Idileen Duraa Dhabbataa Leenjii Barsiistotaa Asallaa fi Dabra Birhaanitti leenjisaa ture kuma 1 fi 658 eebbisiiseera.

Kantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, eebbifamtoonni sirna barnootaa Afaan oromoo fi Afaan Amaaraan kan leenji’an, waggoota lamaaf barnoota isaanii hordofaa turaniiru.

Daa’imman Magaalaa Finfinnee guddisuuf, Magaalattii Magaalaa Afrikaa filatamtuu taasisuuf mul’ata qabame milkeessuuf gahee olaanaa kan qabu, qaamaa ijaarsa dhalootaati jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.