Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti ogeessota fayyaa dhukkubsatoota COVID-19 yaalan kuma 1 fi 750 f manni jireenyaa yeroo qophaa’e

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Finfinneetti ogeessota fayyaa dhukkubsatoota COVID-19 yaalan kuma 1 fi 750 f manni jireenyaa yeroo qophaa’u ministirri ministira Fayyaa FDRI Dookara Liyaa Taaddasa ibsaniiru.

Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota COVID -19 yaalan ofii isaanii vaayrasichaaf akka hin saaxilamneef meeshalee infeekshinii garaagaraa dhiyeessuun xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.

Naannoolee hundattis manni jireenya yeroo ogeessota fayyaaf keennuf qophiin taasifama jira jedhaniiru.

Ogeessoni fayyaa haalaa hin beekamneen vaayrasichaaf yoo saaxilamaan tursiisa addaa fi vaayrasichaan yoo qabamaan iddoon itti yaalamaan qophaa’u Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii yeroo gara gara yerootti dabaluu ilaalchise ogeessota fayyaaf iddoon akkasii qophaa’uu dubbataniiru.

Ogeessonni fayyaa yoomii fi bifaa kamiin tursiisa addaa seenuu akka qaban irrattiis ogeessota fayyaa fi qamoolee ilaallatu waliin hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Sadarkaa biyaaleessaatti ogeessota fayyaa fi hojjeettotaaf meeshaaleen infeekshinii fi uffataa bittaan, gargaarsaa fi oomishuun dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Sadarkaa biyaaleessaatti ogeessota fayyaaf kan dhiyaatan sadarkaa isaanii kan eeggatan meeshaalee haguugduu fulaa miiliyoona 7.5 hiramuu Dr. Liyaan hamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.