Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti rasaasni kilaashii fi shugguxii kuma 17 ol meeshaalee waraanaa biroo waliin to’aaman

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Magaalaa finfinneetti, seeraan alaa daddabarfamaa kan turan rasaasni kilaashii fi shugguxii kuma 17 ol meeshaalee waraanaa garaagaraa waliin to’aamuu Poolisiin beeksiseera.

Meeshaaleen waraanaa kunneen Kutaa Magaalaa Laaftoo bakka addaa ‘Haannaa Maariyaan’ jedhamutti konkolaataan fe’amanii wayita daddabarfamaa turan hordoffii Poolisii Magaalaa Finfinnee fi Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaan to’atamuu danda’aniiru.

Rasaasa kilaashii kuma 11 fi 275, rasaasa sugguxii kuma 6 fi 494, meeshaalee waranaa garaagaraa 11, bireenii addaa addaa hiikaman, qaamolee kilaashii garaagaraa fi kan biroon meeshaalee seeraan alaa to’ataan jedhameera.

Meeshaalee waraanaa kanneen kan daddabarsaa turaan shakkamtoonii sadii to’atamuun qoranoon gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Dhaabbileen kunneen kanaan dura hordoffii taasisaniin nageenya magaalattiif yaaddoo kan ta’an meeshalee waranaa garaagaraa fi rasaasa hedduu to’achuun kan yaadatamuudha.

Yeroo dhiyoo as kutaalee biyyattii garaagaraarraa meeshaleen waraanaa seeraan ala gara magaalaa Finfinneetti daddabarfaman dabalaa jiraachuun ibsameera.

Hirmaannaan hawasaa dammaqaan nageenya waaraa mirkaneessuuf bu’uuraa waan ta’eef, gochaaleen seeraan alaa akkanaa wayita quunnamuun qaamolee dhimmichi ilaallatuuf eeruun gahee isaa akka bahatu waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.